Hagayya 25,2014

Firiin Qorumsa Naannoo Kutaa 8ffaa Ifoome

==================================

Biiroon Barnootaa Oromiyaa firii qormaataa kutaa 8ffaa bara 2014 ifoomseera.

Hog.Itti Aanaa BBO Obbo Girmaa Baayisaa qabxii darbiinsaa barattoota kutaa 8ffaa sababeeffachuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Bu'uuruma kanaan akka naannoo Oromiyaatti bara 2014tti barattoonni 451,025 ta'an,

Dhi= 246,449

Dub= 204,576

Qorumsa naannoo kutaa 8ffaa fudhachuuf galmaa'an keessaa barattoonni

dhi=241,974

dub.= 201,552

walumatti barattoonni 443,526 qormaata kenname kan fudhatan yammuu ta'u;

Kanneen keessaa;

Dhi= 228,677 (%94.5)

Dub = 193,102 (%95.)

Walumatti barattoonni 421,779 (%95.09 )

Qabxii darbiisaa argatanii gara kutaa 9ffaattti darbanii jiru.

Barattoota aanaalee horsiisee bulaa ilaalchisee;

Barattoonni walumatti 28,371 qormaata fudhachuuf galmaa'an

Dhi. = 17,720

Dub.= 10,651

Yammuu ta'an, kanneen darban;

Dhi.= 17,138 (%96.7 )

Dub.=10,131 ( %95.1) walumatti saala lamaaniin %96.1 kanneen ta'an gara kutaa 9ffaatti darbanii jiru.

Barattoota Fedhii Addaa Ilaalchisee;

Barattoonni fedhii addaa qaban

Dhi=1007

Dub=920

Walitti 1,927 kanneen ta'an qormaata fudhatanii gara kutaa 9ffaatti

Dhi= 987

Dub=915

kan darban yammuu ta'u; Walumatti kan qoraman keessaa barattoonni 1,902 (%98.7) ta'an qabxii darbiinsaa argataniiru.

Hubachiisa:- Barattoonni carraa interneetii argachuu qabdan liinkii armaan gadiin ilaallachuu dandeessu

1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url

1.Barattoota Qabxii Ol’aanaa Galmeessisaniif Badhaasni Dabalataa Kenname

  1. Abbaan Qabeenyaa Yuuniversiitii Harraambee Obb. Fayyisaa Araarsaa Sagantaa sirna beekamtii kennuu barattoota kutaa 12ffaa fi M/B bu'uura boruu irratti barattoota qormaata biyyooleessaa Kutaa 12ffaa bara 2013 akka naannoo Oromiyaattii qabxii ol'aanaa galmeessuudhaan 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa bahaniif tokko tokko isaaniitiif Qarshii 100,000( Qar. kuma dhibba tokko) sadaniif Qarshii 300,000.00 (Qar. kuma dhibba sadii) badhaasanii jiru! Yuuniversiitiin Harrambee Sadarkaa dippiloomaa irraa kaasee hanga sagantaa Mastersiitti dhaloota gahumsa qaban barsiisuun naannoofi biyyaaf gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru yoo ta'u barattoota kutaa 12ffaa qabxii olaanaa bara baraan naannoo keenya keessatti galmeessisan cina dhaabbachuun deeggersa olaanaa taasisaa jira. Gumaachi barnoota irratti taasifamu gumaacha dhaloota irratti taasifamu waan ta'eef hedduu kan nama boonsuudha. Biiroon Barnootaa Oromiyaas deeggersa fi badhaasa addaa abbaan qabeenyaa Yuuniversiitii Harraambee Obbo Fayyisaa Araarsaa taasisaniif galata guddaa galcha!                     
  2. araag                         

    2. Qaamolee Ijaarsa Pirojektii Bu’uura Boruu Irratti Gumaacha Taasisaniif  Beekamtiin Kenname

  1. Sirni beekkamtii deeggartoota piroojektii Mana Barumsaa Bu'uura Boruufi barattoota qormaata biyyaalessaa bara 2013tti qabxii olaanaa galmeessanii, bakka Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti gaggeeffameera. Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2013 keessa barattoota kutaa 12ffaa kuma 200fi kuma 53 qormaata seensa Yuuniversiitii fudhatan keessaa barattoonni 226 qabxii olaanaa galmeessaniiru.                                                                                                                                                                

3 1

  1. Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2013'tti barattoonni kutaa 12ffaa 226 qabxii olaanaa

galmeessuu ibsame

  1. Akka Naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2013'tti Barattoota Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qoraman keessaa barattootni 226 qabxii olaanaa galmeessaniiru. Barattoota qabxii olaanaa galmeessan keessaa kanneen duraa

Dhiirota keessaa

  1. Barataa Kooket Tasfaayee qabxii 548
  2. Barataa Hundee Tafarii qabxii 548
  3. Barataa  Abdulaziiz  Zeenuu  qabxii  547  yoo ta’an

     Dubara keessaa immoo

  1. Siifan Fiixaa     qabxii  542
  2. Hawwii Xaasoo qabxii 539
  3. Lootii Yaadataa qabxii  525  

 79

Ijaarsa Bu’uura Boruu ilaalachisee

Ijaarsa Projektii bu'uura boruutiin Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa kuma 3 ijaaruuf karoorfamee karooraa ol manni barnootaa kumni 3 fi 377 eegalameera.  Kanneen keessaa kumni 3 fi 11 xumuramuun tajaajila kennuu eegalaniiru.

Ijaarsi manneen barnootaa kanaas deeggarsa dhaabbilee addaa addaa fi hawaasa irraa Birrii Biiliyoona 12 walitti qabameen kan ijaaramaa jiruudha.

Bara dhufu manneen barnootaa  bu’uura boruu kuma 6 ijaaruuf karoorfameera.

Ijaarsa Bu’uura Boruu ilaalachisee

Ijaarsa Projektii bu'uura boruutiin Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa kuma 3 ijaaruuf karoorfamee karooraa ol manni barnootaa kumni 3 fi 377 eegalameera.  Kanneen keessaa kumni 3 fi 11 xumuramuun tajaajila kennuu eegalaniiru.

Ijaarsi manneen barnootaa kanaas deeggarsa dhaabbilee addaa addaa fi hawaasa irraa Birrii Biiliyoona 12 walitti qabameen kan ijaaramaa jiruudha.

Bara dhufu manneen barnootaa  bu’uura boruu kuma 6 ijaaruuf karoorfameera.

                                      99

1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url1625416186 73993 gif url


Barattoota Qabxii Olaanaa Galmeessaniif sirni beekamtii Kennuu Geggeeffame

Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota bara 2012 qormaataiyyoolessaa seensa yuuniversiitii fudhatanii qabxii olaanaa galmeessisan bakka Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo.Shimallis Abdiisaa fi Hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo argamanitti sirni beekamtii kennuu geggeeffamee jira. Barattoota qormaata fudhatan keessaa barattootni 152 qabxii 600 ol akka galmeessisan ifoomeera.   

DSC 1471DSC 1462

በኦሮሚያ ክልል በ2012 ዓ.ም የ12ኛ ክፍል ሀገር አቀፍ ፈተና ከወሰዱት ተማሪዎች ዉስጥ የላቀ ውጤት ላስመዘገቡ ተማሪዎች እውቅና እና ሽልማት ተሰጠ::

 Mallattooleen Dhukkuba Vaayirasii Koronaa(COVID-19) maalfaa dhaa?

Projektiin Ifa Boruu...........

Manneen barnootaa addaa ( Ifa Boru) godina Baalee Mag.Roobee fi godina Gujii Lixaa aanaa Malkaa Sooddaa ji’a afur keessatti ijaarsi isaanii raawwatee eebbaaf qaqqabanii jiruProjektiin Ifa Boruu Onkoloolessa 19/2013 Biiroon Barnootaa Oromiyaa fi kontraaktaroonni ijaarsa projektii kana fudhatan waliif mallatteessuun ji’oottan 7-8 hin caalle keessatti hojiin ijaarsa isaa akka raawwatuuf bakka Prezdaantiin Bul.Mot.Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti walii galteen kun raawwate.

 

160659089 1126519547829817 5302825531066735787 oMM

159583224 1125264344622004 4992901675416579638 o

 Namni dhukkuba vaayirasii koronaa qabame mallattoolee agarsiisu

1 ho’ina qaamaa,

2 qufaa,

3 harganuu dadhabuu,

4 ukkaamsuu fi dhukkubbii qoonqoo/kokkee irratti ni mul’ata.

Dhuukkubichi yoo itti cime immoo michii sombaa fi kalee hojii ala taasisuun hanga lubbuu dabarsuu ni geessisa.

istockphoto 1204537848 1024x1024 COVID 19 Prevention Tips

Mallattooleen Dhukkuba Vaayirasii Koronaa yoo nurratti argame maalgochuu qabnaa?

Deeggarsa yaalaa gahaa argachuu fi maatii ofii dhukkubicha irraa ittisuuf of-eeggannoo armaan gadii taasisuun murteessadha.

  • Atattamaan bilbila bilisaa 8335 or 6955irratti bilbiluun tajaajila yaalaaf deeggarsa gaafachuu
  • Hanga qaamni deeggarsa yaalaa kennu dhaqqabutti addatti of-baasuun kutaa qofaa keessa turuu
  • Yeroo qufaasisuu fi haxxiffachiisu afaanii fi fuunyaan sooftii yookiin irree harkaa fayyadamuun haguuggachuu
  • Sooftii akkuma itti fayadamameen meeshaalee gataa balfaa qadaada qabu keessatti gatuu
  • Kutaa dhukkubstaaan keessa turee fi meeshaalee itti fayyadamame saamumanaa fi bishaan gargaaramuun sirritti qulqulleessuu
  • Bakka arganitti tufuu dhiisuu

Dhukkubni Vaayirasii Koronaa(COVID_19) dhukkuba ittifamuu danda’amu dha.

 Ergaawwan ijoo armaan olii hunda hojiirra oolchuun ofii fi maatii keenya dhukkuba vaayrasii Koronaa(COVID-19) irraa haa eegnu!

Odeeffannoo dabalataaf kamiyyuufuu:

Bilbila bilisaa 8335 irratti bilbiluun odeeffannoo guutuu argachuu dandeessu.

Leenjiin Leenjistootaa kenname

Leenjiin Leenjistootaa Ogeessota Sirna Odeeffannoo Bul.Barnootaa (EMIS) irra hojjetaniif kenname

Leenjiin kun marsaa marsaan kan kennamu yammuu ta'u; marsaa jalqabaa magaalaa Walisootti aanaalee godinaalee 11 keessattii fi Bul.Magaalaa 9f kan kanname yammuu ta’u; kanneen hafaniif ammoo magaalaa Shaashamanneetti ogeessota godinaalee 9 fi Bul.Magaalaa 10 keessatti argamaniif guyyoota shaniif kennamee jira.

Itti aansuunis dura bu’oota dhaabbilee barnootaa naannicha keessa jiran hundaa fi Supparvaayzarootaafis sadarkaa aanaatti leenjiin kun kennameera.

Mata Duree Leenjiin kun irratti kennamu

  1. Guca Ragaa Barnootaa sad.1ffaa
    2. Guca Ragaa Barnootaa sad. 2ffaa
    3. " Buufata Barnoota Filannoo
    4.   " Oolmaa Daa'immanii
    5.   " Buufata Barnoota Ga'eessotaa irraa ittiin sassabamuu fi
    6. Moosajjii Daataa Beezii “Stat educ.2” jedhu guca ragaaleen dhaabbilee barnootaa armaan olitti tarreeffaman sassaabamuun irratti akkamiin akka irratti galmaa'u irratti ogeessotaaf leenjiin bal'ina qaabu kennamaa jira.

Barbaachisummaan Leenjii kanaa inni guddaan qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaachi inni godhu guddaa ta'ee; ragaa qulqulluu, amanamaa fi iftoomina qabu qabachuuf akkasumas; karoora barnootaa sirrii ta'e karoorfachuuf, qisaasama leecalloo hambisuu fi hojiin barnootaa akkaataa karoorfameen fiixa baasuuf gumaacha guddaa ni taasisa.

Akkasumas karoora barnootaa ifa ta’e qopheeffachuuf ragaan qabatamaan hin jiru yoo ta’e karoorri qophaa’e galma gahinsa isaarratti hanqina godhachuu waan danda’uuf ogeessota sirna odeeffannoo bul.barnootaa irra hojjetaniif leenjiin gahaan akkaataa ragaa manneen barnootaa irraa ittii guurratan irratti gadi fageenyaan kennamuun isaa hojiin barnootaa qisaasa’ama irraa baraaruuf dhimma murteessaadha.

 


Galmeen Barattootaa Bara 2012 eegalame


Galmeen barattootaa bara barnootaa 2012 Hagayya 20/2011 guutuu Oromiyaatti eegalamee jira. Galmeen barattootaa kun kaayyoo lama of keessatti hammatee kan gaggeeffamu yammuu ta’u inni tokko, Daa’imman umriin isaanii barnootaaf gahe gara mana barumsaa fiduu fi barattoota bara darbe harca’anii hafan bara kanatti daguugamanii akka dhufan gochuun kan hojjetamu ta’ee koree galmee kana raawwchiisan naannoo irraa kaasee hanga gaditti hundeeffameen kan raawwatu ta’a.
Akka naannoo keenyaatti bara kana barattoota Idileen Duraa irraa kaasee hanga Qophaa’inaatti walumatti barattoota 11,065,260 gara mana barumsaa fiduu fi barnoota akka

argatan karoorfamee hojjetamaa jira. Baay’ina barattoota galmeessuuf karoorfamee;                 

  1. Barattoota Idileen Duraa (BID) 1,370,358 ( Dhi= 686,382 Dub= 683976)
    2.Barattoota kutaa 1ffaa 1,895,650 (Dhi=997,805 Dub= 897845)
    3.Barattoota sad.1ffaa (1-8) 8,395,879 (Dhi= 4,396,037 Dub= 3999,842)
    4.Brattoota sad.2ffaa (9-10) 780,697 (Dhi= 520,904 Dub= 459,793)
    5.Qophaa’ina (11-12) 318,326 (Dhi= 164,448 Dub= 153,878)

Galmeen kun kan inni raawwatamu Hagayya 20/2011 hanga Fulbaana 9/2012tti ta’a.

Barnoonni Afaan Oromoo Naannoo Oromiyaarra darbee naannoolee birootti kannamaa jiraachuun ni beekkama.fkn; Beenishangul Gumuz, Hararii, Dirre Dhawaa fi Naannoo Amaaraa Godina Addaa Kamiseetti ni kennama. Naannoo Gaambeellaa fi Bul. Magaalaa Finfinneetti bara barnootaa 2012tti barnoonni Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkootti manneen barnootaa mootummaa hunda keessatti akka kennamu irratti walii galamee qophiin barbaachisaan taasifamaa jira. Kun guddinni Afaana Oromoo akka ariifatuuf shoora mataa isaa ni taphata.


Manni Barumsaa sad.1ffaa Abbaa Qabeenyaan ijaarame Eebbifame.

Manni barumsaa sad. 1ffaa jaal. Nadhii Gammadaan moggaafame Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluutti abbaa qabeenyaa Masaay Oliin Qr.mil.5.2 ta’uun ijaaramee tajaajilaaf qaqqabee jira.
Abbaan qabeenyaa kun rakkoo hawaasa naannichaa barnoota irratti qabu hubachuun kaka’umsa ofii isaan mana barumsaa ijaaree lammii isaaf qaqqabamaa taasisee jira.
Mana barumsaa kana ministirri ministeera barumsaa Dr. Xilaayee Geetee fi Hog. Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo eebbisuun tajaajilaaf qophii ta’ee jira. Mana barumsaa kana keessatti sagantaan biqiltuu dhaabuus haaluma wal-fakkaatuun raawwatee jira.

 

 


                                               Educational Statistics 2014


             no off teachers           Untitled 2       no off student

Kitaabilee Barbaachisoo

Kalandara

March 2024
MTWTFSS
123
45678910
11121314151617
18192021222324
25262728293031

Beeksisa

Vacancy Announcements
Call for Registrations
Academic Calendar

Kaartaa/ Iddoo BBO

map1

Miidiyaa Hawaasaa

facebook iconTelegram LogotwitterYouTube

Teessoo Quunnamtii

Barumsaa fi Sagantaa Pilazmaa

astustudio1

Kuusaa Sabqunnamtii Baay'ee

Tamsaasa Barumsa Raadiyoo

digital

© 2022, Oromia Education Bureau. All Rights Reserved