Dorgommiin Kalaqa Barattoota Manneen Barnootaa Geggeeffame

Baga Gammaddan!
CONGRATULATIONS!
Ministeerri Barnootaa Dorgommii Saayinsii fi Hojii Kalaqaa Manneen Barnootaa geggeessee ture.
Dorgommii geggeeffame kanarratti naannoleen hundi kan hirmaatan yoo ta'u barattootni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa , sad. 2ffaa fi Qophaa'inaa hirmaataniiru.
Hirmaattotni dorgommii kanaa irratti argaman Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa irraa barattoota 3
Manneen barnootaa sad. 1ffaa irraa barattoota 3
Mana barumsaa Qophaa'ina irraa barataa 1 yoo ta'u barsiisaan 1 hirmaateera.
Dorgommii geggeeffame kanarratti naannoon keenya manneen barnootaa sad. 1ffaa fi sad. 2ffaan kan mo'ate (1ffaa) yoo ta'u mana barumsaa Qophaa'inaan sad. 3ffaan mo'ateera.
Barattootni kun maal maal hojjetanii badhaafaman?
1. Mana barumsaa sad. 1ffaa irraa Barataa saafii Adam konkolaataa sochootuu fi deemtu hojjechuun kan mo'ate
2. Mana barumsaa sad. 2ffaa irraa barataa Firaa'ol Zaawudee Baajaajii hojjechuun kan hojjetee fi
3. Mana barumsaa Qophaa'inaa irraa barataa Takkaalenyi Gannanaa Sooftweerii develop kan godhe ta'uu isaaniitiin
akka biyyaatti mo'ataniiru.
Waliigala dorgommichaatiinis Oromiyaan mo'ateera.