Seenaa Biiroo Barnoota Oromiyaa
Sirna Mootummoota Itoophiyaa darbanii keessatti rakkoowwan seektera barnootaa gurguddoon: Rakkoon carraa walgitiinsaa, qulqullinaa, gahumsaa,al-dimokiratummaa qabiyyeefi bulchiinsa barnootaa irratti dagaagaa turan biyyattii hanga fakkeenya boodatti hafumaa keessattuu beelaafi gadadoo taasisee kuusa jechoota Afaan Ingiliffaa keessatti hanga galmeessuutti akka geese hin irraanfatamu.
Jaappan dabalatee biyyoonni Addunyaan hedduun barnoota furtuu rakkoolee hundaa taasifachuun morkii keessa lixanii xiiqiidhaan waan hojjataniif gadadoofi hiyyummaa battala gadi-faggeeffate keessaa yeroo gabaabaa ta’e keessatti fottoqanii bahuun qabeenya uumamaa lakkoofsa keessa galuu danda’u otuu hin qabaaatiin caaffii guddinaa fi misoomaa dhalli namaa har’a akka raajii tokkoottii laalu irra yoo gahan Itoophiyaan garuu dogongora hamaa raawwteen imala irraa gadee fi kufaatii fokkisaa keessa turuuf dirqamtee turte. Carraan Oromiyaafi Oromoos kanaan addummaa hin qabu ture.
Oromiyaan bulchiinsa Godinaalee 20, Bul.Magaalotaa 19, Aanaalee 336, fi Gandoota 6446  kan qabdu taée haaluma hawaas-diinagdee fi misooma naannichaa ariifachiisuuf bara 1995 aangoo fi itti gaafatamummaan al- waaltaéen of dandaánii fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojjachaa jiru.   
Rakkoowwan kanneen hundee irraa buqqisuuf qorannoo baláa gaggeessuun imaammatni barnootaa fi leenjii bara 1986 bahee hojiira oolaa jira. Xiyyeeffannaan Imaammata barnootaa fi leenjii kanaas:
· Lammiileen barnoota sadarkaa 1ffaa afaan dhalootaan ykn afaan filataniin barachuu akka dandaán mirga guutuu kennuu
· Barumsa bu’urairraa eegalee hanga kutaa 10ffaatti jiru bilisaan kennuu
· Barnoota dubartootaaf xiyyeeffannaa kennuu
· Bulchiinsaa fi qabiyyee barnootaa dimookiraatawa taasisuu
· Bulchiinsa barnootaa al-waaltessuun hawaasni manneen barnootaaa abbummaan akka bulchu taasisuudha. 
(Imaammata Barnootaa fi Leenjii 1986 A.L.I.) 
Kana malees dhimmi qulqullina barnootaa mirkaneessuu yaaddeessaa tahuun akkasumas dhimma aduunyaan hundi ifufiinsaan irratti hojjatu tahuu bu’uura taasifachuu dhaan PMQB bocamee karaa TMGB tiin bara 1999 irraa qabee hojirra oolaa jira.
Ga’eessi miiliyoonaan lakkaahamu doofummaafi walaala keessa jiraachuu hubachuudhaan ga’eessa qonnaan bulaa bal’aa dabalatee iddoo garagaraa jiru kana bakka doofummaa keessaa hin baasnetti oomishtummaa dabaluufi sirna dimokiraasii ijaaruun fiixaan baasuun hawwii qofatti hafuu akka danda’u addaan baafachuun BGQGX hojirra akka oolu taasifamee jira. Hawwiifi tattaaffii taasifamaa tureen walbira qabamee yammuu ilaalamu bu’aawwan qulqullina barnootaa fooyyeessuu fi BGQGX hojirra oolchuun argaman gadi aanaa ta’anis imalli eegale garuu abdiqabeessa tahuun isaa mul’achaa jira.